Biiroon Barnoota Oromiyaa akkaataa jalqabbii barnoota bara 2013 ilaalchisuudhaan ibsa kenneera
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo galmee barattootaa ilaalchisee ibsa kennaniin bara kana barattoota miiliyoona 11.2 guyyoota 15 kana keessatti ni galmeessina jedhaniiru.
Hojii ijaarsa dareewwan dabalataa kuma 30 ol ganna kana keessa hojii tajaajila lammummaatin ijaaramaniif hawaasa ijaarsarratti hirmaatan hundaa galateeffataniiru.
Hanga barnoonni jalqabuttis dareewwan ijaarsisaanii jalqabe xumuruu,barsiisota koolleejjirraa bara kana eebbifaman qacaruu fi galmee barattootaa guyyoota 15 keessatti xumuruun hojii ijoo seektarichi hojjachaa jiruudhaa jedhan Dr. Tolaan.
Hawaasni barnootaarratti deeggarsa jalqabe itti fufuudhaan barattoonni harka qalleeyyii mana barumsarraa akka hin hafneef deeggarsa baratame akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Oromiyaan barattoota qaxaleewwan akka biyyaa fi Addunyaatti dorgomtoota ta’an horachuuf dhaabbilee barnootaa olaanoo naannoo keenya keessa jiran waliin ta’uun bara barnootaa 2013tti manneen barnootaa bultii addaa /non boarding schools/ torba (7) ta’an akka naannoo keenyaatti ijaarsisuuf karoorri qabameefii hojii keessa galamee jira.
Yaa'iin Barnootaa Oromiyaa barsiisota, manneen barnootaa, gamtaa maatiifi barataa dhaabbilee deggarsa misoomaa, Waldaa Misooma Oromiyaa, Waldaa Barsiisota Naannoo Oromiyaa, Waldaa Manneen Barnootaa Dhuunfaa Oromiyaa raawwii hojii caalmaa qabu galmeessisan badhaasa waraqaa ragaa, waancaafi koompiitara yoo badhaafaman, barattoonni qormaata biyyoolessaan qabxii olaanaa galmeessisaniif ammoo laabtooppiifi qarshii badhaasuun xumurameera.
Dhukkubni Vaayirasii Koronaa (COVID-19) Maalii?
Dhukkubni Vaayirasii Koronaa (COVID-19):- Dhukkuba daddarbaa ta’ee qaama hargansuu irratti miidhaa salphaa hanga cimaatti kan dhaqqabsiisuu dha. Vaayirasiin kun akkuma utaalloo/qufaa mallattoowwan sasalphaa agarsiisuun ofumaan kan dhiisu/badu yookiin dhukkubichi yoo itti cime dhukkuba akka michii sombaa fi dhukkubbii cimaa qaama hargansuu irraan gahuu bira darbee kalee hojii dhaabsisuun du’aaf kan saaxiluu fi addunyaa irratti saffisa guddaan dhukkuba babal’achaa jirudha.
Dhukkubni Vaayirasii Koronaa (COVID-19) Akkamiin Daddarba?
Namoonni dhibee kanaan qabaman yeroo qufa’anii fi haxxiffatan dhagala’aa afuura waliin bahuun (droplets) gara nama fayyaatti karaa afaanii, funyaanii fi ijaan seenuun yookiin meeshaalee dhangala’oo afaanii fi funyaan keessaa bahuun falaman erga tuttuqamee booda harka osoo hin dhiqatin ija, afaanii fi funyaan qaqqabachuu fi nyaata beeyladootaa fi qurxummii hin bilchaanne soorachuun daddarbuu danda’a.